A/H/Deeg.B/Q/B/F
- A/H/Deeg. Qabeenyaa, Bittaafi Bulchiinsa Faayinaansii
- Fedhii maallaqaa callaa karoora waajjiraa irratti hundaa’uudhaan ji’a ji’aan MMD gaafachuu;
- Baajata mirkanaa’e irratti hundaa’uudhaan bittaa tajaajilaa, meeshaalee dhaabbiifi dhumataa karoorsuun saganteessuun dhiyeessitoota dorgomsiisuun bittaa raawwachuu;
- Baasiiwwan adda addaa akkaataa gaaffii dhiyaatuun kaffaltii barbaachisu seera Faayinaansii eeguun raawwachuu;
- Kaffaltii miindaa hojjettootaa ji’a ji’aan raawwachuu;
- Gibira mootummaa (VATfi withholding) bittaafi tajaajila adda addaa irraa citan walitti qabuun ji’a ji’aan gara Abbaa Taayitaa Galiiwwan Oromiyaatti galii gochuu;
- Konkolaattota waajjiraa yeroo isaanii eeganii jijjiirraan zayitaafi sarviisii taasisuufi hordoffii barbaachisu taasisuu;
- Kompiwutaroota, piriintaroota, maashinii faaksiifi footokoppii, akkasumas meeshaalee elektirooniiksii adda addaafi meeshaalee biiroo (office furniitures) hordofuufi kan suphamuu qabu yeroon suphisiisuu;
- Galmeewwan qabeenya dhaabbataas ta’e dhumataa sirnaan qabachuun kompiwutraraan galmeessuufi to’achuu;
- To’annoo maallaqaa saanduqaafi baankii raawwachuu;
- Herreega ji’aafi waggaa cufuu;
- Araarsa baankii ji’a ji’aan qopheessuu;
- Gabaasa herreegaa kan ji’aafi waggaa qopheessuun MMDf dhiyeessuu;
- Gabaasa raawwii hojii yeroo saganteeffame keessatti I/G/ Waajjiraafi qaama dhimmi ilaaluuf dhiyeessuu;