A/H/I/Ijaarsa D/M/M
- A/H/Ijoo Ijaarsa Dandeettii Manneen Maree Uummataa
Dandeetti raawwachisummaa Manneen Maree Uummataa cimsuu.
ü Qorannoon qaawwa dandeetti raawwachisummaa Manneen Maree Uummata sadarkaa sadarkaan jiran adda baasuu;
ü Leenjii Caffeefi qaamolee Caffeef akkasumas Manneen Maree sadarkaan jiran kennuu;
ü Muxannoo Manneen Maree Naannoolee biroorraa fudhachuu, qindeessuun akka babal’atu taasisuu;
ü Waltajjii waliinii, waljijjiirraa muxannoo, gamaggama karooraafi raawwii akkasumas supparvizhinii Manneen Maree Aanaaleefi Magaalootaa gaggeessuu;
ü Deeggarsa ogummaafi teeknikaa Manneen Mareef gochuu;
Bu’aawwan leenjii, muxannoo, hubannoofi deeggarsa ogummaa kennameen jijjiirama dhufe madaaluun akka ciccitaatti (“input”) itti fayyadamuu;