Waa'ee Caffee
Seenaa Caffee Oromiyaa
ย Kaโumsa
Ummanni oromoo uummattoota Itoophiyaa keessaa jiraatan keessaa tokko yoo taโu yeroo dheeraatiif sirna bulchiinsaa dimokraaatawaa taโe sirna Gadaatiin ofiin of bulchaa ture.
Haataโu malee,weerara sirna Nafxanyaa booda aangoon siyaasaafi dinagdee harka isaa keessa waan hin turreef aadaa,seenaafi afaaan isaa irratti dhibbaa dhaqqabaa ture.
Waan kana taโeeefis,ummaticha,saba,sablammootaafi ummattoota Itoophiyaa biro wajjin taโuun waanjooo gabrummaa isarratti feโame kana ofirraa kuffisuuf qabsoo hadhaawaa,wareegama guddaa gaafateefi yeroo dheeraa fudhate gaggeessuun mirga ofiin of bulchuu chaartarii yeroo ceโumsaa bara 1983 mirkanaaโeen gonfate.Manni marii bakka buโootaa chaartarii kanaan hundaayes hundeeffama mootummaa naannolee ilaalchisee labsii tume.
ย Mootummaan Naannoon Oromiyaa, Naannolee sagal keessaa tokko taโee Heera Mootummaa Naannichaa Mootummaa biyyattii Labsii Lak. 1/1987 keewwata 46(1)n hundeeffameera. Heera Mootummaa Naannichaa bara 1987 bakka buโoota uummataan filatamaniin raggaโe keewwata 46(1) irratti โQaamni Mootummaa Naannichaa inni seera baasu, qaama abbaa taayitaan olโaanaa Caffee Naannichaa akka taโe ni ibsa.
ย
Haataโu malee, akkaataa keewwata 56(2)โPireezdaantichi caffee Naannichaafi Koree Hojii Raawwachiiftuu bakka buโa;dura taaโummaanis ni gaggeesaโ.waan jedhuuf,pireezdaantiin mootummaa Naannichaa qaama seera baaftuufi qaama raawwachiiftuu gaggeessaa waan tureef gama aangoo Mootummaatiin keessattuu rakinni walmakiinsa aangoo Mootummaa, keessattuu aangoofi hojiin qaama raawwachiiftuu jidduu jiraachuunsaa hojii irratti rakkoo waan uumeef isa akka ifa taโuutti fooyyessuun dirqama taโee argameera.
Waan kana taโeefis, rakkinoota walmakiinsa aangoo Mootummaa hundeeffama Caffeerraa kaasee muddatan qorachuun,Caffeen (qaamni seera baaftuu) Mootummaa naannoo Oromiyaa Yaaโii Ariifachiisaa bara 1994 gaggeesseen akkaataadhuma heera Mootummaa Naannoo Oromiyaa Fooyyaโeen bahe,Labsii lak.46/1994,Keewwata 46n aangoofi hojii qaamolee Mootummaa,kan qaama seera baaftuufi seera raawwachiiftuu ifatti adda baasun irra deebiidhaan bifa haarawaan akka ijaaraman taasiseera.
Qaamoleen kunis:
A.Caffee (qaama seera baaftuu),
B.Qaama raawwachiiftuufi,
C.Mana Murtii (qaama seera hiiktuu) dha
Qaamni seera baaftuu Mootummaa Naannoo Oromiyaa Caffeen hoggansa mataa ofii akka qabaatu Afyaaโiin filamee gurmaawina,waajjira,human namaafi baajataa qabatee yeroo duraatiif of dandaโee akka hogganamu kan taasifame yeroo kana keessattii.
Maqaa Caffee jedhu kunis,Heerota Naannichi baase isaan duraanii keessatti ,Afaan Ingiliizitiin โcoucilโ jedhamee kaaโamee kan ture Labsii lak 46/1994 Keewwata 46 irratti Afaan Ingiliziitiin โCaffeeโ jedhamee akkuma Paarlaamoonni biyyoota tokko tokko maqaa dhuunfaa ittiin waamaman qaban maqaaa Caffee jedhu,qaamni seera baaftuu Naannichaa qofti ittiin waamamu taโeera.