Leenjiin Fooramii Afyaa’ota Godinaaleetiif Magaalaa Adaamaatti kennamaa jira
Leenjiin Fooramii Afyaa’ota Godinaaleetiif Magaalaa Adaamaatti kennamaa jira.
Qindeessaa ‘Forum of Federation’ Baha Afriikaa kan ta’an Obbo Maaraguu H/Mariyaam leenjicha ilaalchisee yaada kennaniin, hojiin Fooramichaa Federaaliizimii irratti gahumsa gaggeessitootaa cimsuuf kan hojjetu ta’uu beeksisan.
Kanaaf, leenjiin leenjistootaa guyyaa har’aarraa eegalee kennamu kun wal ta’iinsa Waajjira Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaa, ‘Forum of Federation’ fi ‘Center for Creative Leadership’ waliin ta’uun kan kennamu yeroo ta’u, leenjiin kun humna gaggeessummaa ofii cimsuu qofaa osoo hin taane gadi bu’uun hubannoo leenjii kanarraa argatan kana qaamolee hafaniif kennuun gahumsa walii walii isaanii cimsuu akka qabanis Obbo Maaraguun dhaamaniiru