ย
*****
Kabaja Guyyaa Saboota, Sablammootaafi Ummattoota Itoophiyaa 17ffaa ilaalchisee sadarkaa Naannoo Oromiyaatti qophii jiruufi ayyaana sadarkaa biyyaatti kabajamu keessatti hirmaannaa taasifamuufi gahee naannoon keenya qabdu ilaalchisee Afyaa'iin Caffee Oromiyaa Kab. Aadde Saโaadaa Abdurahmaan Magaalaa Baatuutti miidiyaaleef ibsa kennaniiru.
Heerri Mootummaa Rippaabliika Demokiraatawaa Federaalawaa Itoophiyaa Sadaasa 29 bara 1987 guyyaa itti raggaโe sababeeffachuun bara 1999 irraa eegalee โGuyyaa Saboota Sablammootaafi Ummattoota Itoophiyaaโ jedhamee kabajamaa kan jiruufi bara kanas marsaa 17ffaaf sadarkaa biyyaalessaafi Naannoo Oromiyaatti ayyaanichi Sadaasa dhufu sirnoota adda addaan ni kabajama jedhan.
Akka Naannoo Oromiyaattis obbolummaa, tokkummaafi hariiroo waliin jireenya ummattootaa cimsuu karaa dandeessisuun ayyaanicha kabajuuf qophii barbaachisu taasisuu irratti argamna jedhan Aadde Saโaadaan ibsa miidiyaaleef kennan keessatti.
Heerri keenya, birmadummaa saboota, sablammootaafi ummattoota Itoophiyaa kan mirkaneesse, aadaa, duudhaa, afaaniifi eenyummaa isaanii dagaagfachuu akka dandaโaniif mirgoota buโuuraa kan gonfachiise waan taโeef guyyaan kun sadarkaa Naannoo Oromiyaafi biyyaatti karaa miidhaginaa qabuun kan kabajamu taโuus beeksisaniiru.