__//__
Argannoon Odiitii Keessaa Biiroo Maallaqa Oromiyaafi Odiitiin Waliigalaa Mana Hojii Odiitara Muummicha Oromiyaatiin gaggeeffamaa ture hooggansi manneen hojii lamaanii walduraa duubaan bu'aa argannoo odiitii isaanii gabaasa dhiyeessaniiru.
Hoogganaa Biiroo Maallaqaa Oromiyaa Obbo Tolasaa Gaddafaa, gabaasa waliigala Argannoo Odiitii keessaa (odiitara keessaa), herreega walitti qabamaafi kanfalamaa sadarkaa Naannoo, Godinaa, Magaalaafi Aanaatti jiru dhiyeessaniiru.
Itti fufuunis, I/A/Hoogganaa Mana Hojii Odiitara Muummicha Oromiyaa Obbo Tolasaa Abboomaa, Argannoo Odiitii Waliigalaa Bara 2011 -2013tti gaggeeffamee hordoffii hojiirra oolmaa yaada odiitii taasifameen Godinaaleefi Magaalota dhimmi ilaaluuf gabaasa qophaa’e dhiyeessaniiru. Gabaasa dhiyaate irrattis mariin kan gaggeeffamu ta'a.
Continue Reading