__//__
Buusaa Gonofaan rakkoo uumamaafi namtolchee nu mudatuuf fala kennuuf dursinee itti qophoofna. Waan arganne ammoo ummata keenya balaa umamaafi tasaa mudaturraa ittiin baraarra; ni hirphinas jedhan Afyaa’iin Caffee Oromiyaa Kab. Aadde Sa’aadaa Abdurrahmaan.
Kanaaf, seerri sirna walgargaarsaa, gumaataa, walbira dhaabbannaa Buusaa Gonofaan akka taasifamuuf Caffeen baase kaayyoofi galma akeekameef akka ooluuf, dhaloota kennaa aadeffate taasisuuf akka Caffeettis ta’e dhuunfaan miseensa Buusaa Gonofaa taanee gumaata lammummaa keenya bahachuu qabna jedhan Aadde Sa’aadaan.
Buusaa Gonofaan ummata keenya balaa uumamaafi namtolchee irraa baraarra kan jedhan ammoo Hojii Gaggeessaa Waajjira Buusaa Gonofaa Obbo Musxafaa Kadiri.
Guyyaa har’aa Kab. Afyaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurrahmaan dabalatee, hooggansiifi hojjettoonni Waajjira Caffee Oromiyaa Buusaan Gonofaa kaayyoo hundaa’eef galmaan gahuuf miseensa taanee gumaata lammummaa keenya ni bahanna jedhaniiru
