__//__
Ogeessota seeraa 222 Marsaa 15ffaaf Inistitiyuutiin Leenjiifi Qorannoo Seeraa Oromiyaa leenjisaa ture har'aa Magaalaa Adaamaatti eebbise.
Sirna eebbaa kana irratti keessummaa kabajaa ta’uun kan argaman Afyaa’iin Caffee Oromiyaa haasawaa taasisaniin, dhimmi kenna tajaajilaa, qulqullinaafi dhaqqabummaa haqaa tumsaafi qindoomina qaamolee hundaa waan gaafatuuf hojii xiyyeeffannoo barbaadudha jedhan.
Keessattuu, gaaffii ijoo ummanni keenya guyyaa guyyaan carraa argatuun kaasu keessaa tokko kenna tajaajila haqaa maallaqaan bitachuun dhimma walqabatudha. Kanaaf, qaamoleen hojii kana irratti bobbaatan naamusa ogummaan tajaajila haqaa gaafatu bu'uura godhachuun, aantummaafi quuqama ummattummaa qabaattanii qulqullummaafi naamusa olaanaan ergama keessan bahachuu qabdu jedhan.
Keessattuu, dubartoonni har'a eebbifamtan itti gaafatamummaa dachaa qabaachuu keessan hubattanii ergama sadarkaa sanatti isinirraa eegamuuf of qopheessuu akka qabdan, addatti ammoo hiree argattanitti fayyadamuun miidhaawwan dubartoota irratti aggaamaniif wabii ta’uu qabdu jedhan Aadde Sa’aadaan.
Caffeenis, Ummanni Oromoo duudhaalee ganamaa sirna Gadaa irraa dhaaletti deebi'uun tajaajila haqaa si'ataa, dhaqqabamaa, loogiifi ragaa sobaarraa bilisa ta'e dhiyeenyatti haqasaa akka argatuuf seerota gargaaran baasuu baasaa kan jiru yommuu ta’u, jalqabbiiwwan gama kanaan jiran cimsuun gaheesaa adda durummaan ni bahatas jedhaniiru.
Inistitiyuutichi ogeessota Seeraa 227 simatee leenjii hojiin duraa marsaa 15ffaaf leenjisaa ture keessaa dhiira 187 fi dubartoota 35 walitti leenjifamtoota 222 eebbisiisuun gara sirna haqaatti akka makaman taasisee jira.