Saganticharratti Haasawaa baniinsaa lan taasisan Aadde Sa'adaan, Sadaasni 29 walqixxummaan sabootaa guyyaa itti ragga'e; guyyaan kun wareegama qaalii sabaafi sablammoota biyyattiin kan argamedha jedhan.
Guyyaa kana wayita kabajnu Asharaa Sabaafi Sablammoota kan tahee hidhaa haaromsaa Itoophiyaaf deegarsaa gochaa, biqiltuu ashaaraa magariisaan dhaabaman kunuunsaa,Raayyaa Ittisa Biyyaaf deegarsa eegalamee akka itti fufus dhaamaniiru.
Biyya wareegama qaaliin gootummaan isii eegamee as geese tikfachuun dhaloota dhaalchiisun dirqama lammummaa bahuu qabnas ja'an Aadde Sa’aadaan.
Sagantaa kana irratti Raayyaa Ittisa Biyyaaf arjoomni dhiigaa taasifamee jira.