Mata Duree

CAFFEE – (Gur. 11,2012): Wixinee Labsii Itti Waamama Tumsaa Indoowumantii Misooma Oromiyaatiif Murteessuuf Bahe iratti mari’atee raggaaseera.


___//___
Wixinee kana Caffeetti Dura Taa’aa Koree Dhaabbii Dhimma Baajataafi To’annoo Baasii Mootummaa Kab. Obbo Yiilmaa Wayyeessaa, Dura Taa'aa Koree Dh/Dh Bulchiinsaafi Seeraa fi Hoji Gaggeessaa Tumsaa Indoowumantii Kab. Obbo Abarraa Hayiluu Caffeef dhiyeessanii jiru.

Barbaachisummaa wixinichaa ilaalchisee, Tumsaa Indoowumantiin dhaabbata qabeenya naannoo Oromiyaatiin hundaa’e waan ta’eef, akkaataa ummanni naannichaa hojii misooma hawaasummaafi diinagdee indoowumantichi gaggeessu irraa fayyadamaa itti ta’uufi gama mootummaatiinis sirna ittiin hordofamuufi to’atamu danda’u diriirsuuf, akkasumas, kaayyoofi ergama hundeeffameef gahumsaan raawwachuu akka danda’uuf itti waamamni isaa Abbaa Taayitaa To’annoo Dhaabbilee Misooma Mootummaa Oromiyaa akka ta’uuf wixineen kun qophaa’e jedhan.

Bu’uuruma kanaan, Caffeen wixinee Labsii dhiyaate kana irratti bal’inaan erga mari’ateen booda raggaasee jira. Afyaa’iin Caffee Oromiyaa Kab. Addee Loomii Badhoos wixineen ragga’e kun Labsii Itti Waamama Tumsaa Indoowumantii Misooma Oromiyaatiif Murteessuuf Bahe Lak. 225/2012 ta’ee kan hojiirra oolu ta’uu beeksisanii jiru.

  • 1
  • 2
  • 3
  • 4
  • 5
  • 6
Prev Next

CAFFEE - (Amajjii 19…

  ___//____ Koreen kun, gabaasa raawwii hojii Biiroo Misooma Qabeenya Bishaaniifi Inarjii, Abbaa Taayitaa Daandiiwwanii, Abbaa Taayitaa Geejibaa, Abbaa Taayitaa Misooma Albuudaa, Abbaa Taayitaa Dhaabbilee Misoomaafi Abbaa Taayitaa Konistraakshinii Oromiyaa gamaaggamuun ciminaaleefi...

Gutuu isaa Dubbisuuf

CAFFEE – (Amajjii 18…

  __//__ Caffeen hojii hordoffiifi to’annoo karaa Koreewwan Dhaabbii isaa kan hojjetu yommuu ta’u, tooftaaleen hordoffiifi to’annoon ittiin gaggeeffamus, karooraafi baajata jalqaba waggaa irratti raggaase ilaalchisee hojiirra oolmaa isaa gabaasawwan qaamolee mootummaafi...

Gutuu isaa Dubbisuuf

CAFFEE - (Amajjii 04…

  __//__ Jilli kun, misoomawwan bu’uuraa Magaalaa Yaa'a Bal'oo, omisha kilaastera Qamadiifi Piroojeektii mana barumsa bultii addaa, Aana Yaa'a Bal'ootti raanchii hawaasaa dawwatanii jiru. Aanaan kun, naannoo horsiise bulaan kan beekamu yommuu...

Gutuu isaa Dubbisuuf

CAFFEE - (Amajjii 04…

  ___//___ Daawwannaa taasifameen, Aanichatti Koreen kun Piroojeektii bishaan dhugaatii, riqicha, BLTO, Kilaastara Bunaa, Jallisiifi Giddugala Dargaggoo daawwatee jira. Piroojeektiin walqabatee, bishaan dhugaatii, riqichaafi jallisiin haala gaariin yeroo qabameef keessatti ijaarsisaa xumuuramaa kan...

Gutuu isaa Dubbisuuf

CAFFEE - (Amajji 05…

. ___//___ Koreen Dhaabbii kun Bulchiinsa Magaalaa Baddeessaafi Aanaa Odaa Bultumitti, Misoomawwan bu'uuraa garaa garaa daawwateera. Koreen kun Magaalaa Baddeessaatti Jiddugala Gabaa Jimaa Birrii miiliyoona 400 fi miiliyoona 34 caaluun ijaaramaa jiruufi Hospitaala...

Gutuu isaa Dubbisuuf

CAFFEE - (Amajjii 05…

  ___//___ Koreen kun, marii hawaasa waliin taasiseen inshuraansii fayyaa irraa fayaidaan argachaa jiran olaanaa ta'uu eeru. Haa ta'u malee, bishaan dhugaatii rakkoo hammaataaf kan isaan saaxile ta'uu ibsuun akkam fakkeenyaatti bishaan...

Gutuu isaa Dubbisuuf

CAFFEE HEAD OFFICE ADDRESS

     strFINFINNE AROUND SAR BET  INFRONT OF OROMIA BUREAUS

       Office Opening hour

    str  Monday - Friday:            Morning:  08:30am - 12:30 pm       Afternoon:  01:30 pm -  05:30 pm

        CALL US:  Tel:  +251-113-72-62-18timer

               Fax: +251-113- 71-48-04  

                             P.O. Box:21383 - 1000