Korreewwan
Article Index
Aangoo fi hojii Koreewwan Dhaabbii
Koreewwan Dhaabbii Caffee aangoofi hojii waliigalaa armaan gadii ni qabaatu.
1. Akkaataa labsii kana keewwata 45 tiin wixineewwan seeraa qajeelfamaniif qorachuundhaan yaada murtee ‘caffeef ni dhiyeessu.
2. Akkaataa aangoo fi hojii koreewwan dhaabbitiin qaamolee motummaa ramadamaniif irratti hordoffii fi to’annaa ni taasisu.
3. Akka haalasaatti karaa adda addaatiin iyyannoowwan dhiyaataniif ni keessummeessu.
4. Naannoo kaayyoo hundeeffamaniifitti qo’annoo ni adeemsisu,seerota,imaammatawwan,tarsiimoowwanii fi sagantaaleen mootummaa Naannichaa hojiirra ooluusaanii ni hordofu.
5. Waltajjiiwwan qu’annoo fi marii ni qopheessu;akkasumsa wal jijjiirraa muuxannoo ni taasisu.
6. Hojiilee isaanii koreewwan xixiqqaadhaan hiranii hojjachuu ni danda’u