Hojiilee Caffee
Aangoofi hojiilee Heera Mootummaa Keewwata 49 irratti tarreeffamaan kennameef hojiirra oolchuudhaaf Caffichi hojiilee kanneen armaan gadii ni raawwata:
A. Seera ni tuma;ย ย ย ย ย ย ย ย ย ย ย ย ย ย ย ย ย ย ย ย ย ย ย ย ย ย ย ย ย ย ย ย ย ย ย
B. Karooraafi raawwii hojii Waajjira Pireezidaantii, Mana Maree Bulchiinsaa, Qaamota Raawwachiisaa biroofi Qaama Abbaa Seerummaa Mootummaa Naannichaa ni hordofa; ni toโata; ni qorata; hoggantoota gaaffiif ni waama; qajeelfama ni kenna; yammuu barbaachisaa taโee argamus tarkaanfii barbaachisaa ni fudhata.
C. Akkaataa Heera Mootummaa Naannichaarratti tumameen hoggantoota qaamolee Mootummaa adda addaa ni muuda, ykn muudamasaanii ni raggaasa.
D. Hojiisaa haalaan raawwachuu kan isa dandeessisan Koreewwan Dhaabbiifi Yeroo ni hundeessa; gabaasasaanis ni dhaggeeffata.
E. Manneen Maree Aanaaleefi Gandootaa buโuura Heerichaa Keewwata 76 fi 90 tiin, akkasumas Manneen Maree Magaalaa buโuura Labsii 65/1995 Keewwata 12tiin hundeeffamaniif dandeettii raawwachiisummaa isaanii ni cimsa; deeggarsa barbaachisaa taโe ni kenna; raawwii hojiisaanii ni hordofa; haala aangoo isaaniitiin walitti hin buuneen buโaa hordoffii irratti hundaaโee yaada furmaataa ni dhiyeessa.
F. Akka waliigalaatti fedhiifi faayidaa uummata bakka isa buufate kabachiisuuf dirqama isarraa eeggamu ni baha.