Afyaa’ii Caffee Oromiyaa
Aangoo fi hojii Afyaa’ichaa:
1.Walgahii idileefi ariifachiisaa Caffichaa ni yaama; ni gaggeessa.
2.Qaamolee dhimmi ilaalu wajjiin wal ta’uudhaan ajandaa walgahichaa ni qopheessa; miseensonni Caffichaas dursanii akka beekan ni taasisa.
3.Cafficha ol’aantummaan ni gaggeessa; ni bulcha.
4.Cafficha bakka bu’uudhaan qaamolee biroo wajjiin qunnamtii ni taasisa; keessummoota Caffichaa ni simata; akkaataa keessummeessa isaanii qajeelfama ni kenna.
5.Dura taa’ota, Itti aantota dura taa’otaafi Koreewwan, Itti gaafatamaa Waajjira Caffichaa, akkasumas Caffichi akkaataa seeraatiin qaamolee keessatti bakka bu’u keessatti miseensota bakka bu’an dhiyeessee ni filachiisa; ni muuchisa; akkasumas akka bakka bu’an ni taasisa.
6.Wixinee seeraa qaamolee adda addaarraa dhiyaatan fuudhee Koree dhimmi ilaaluuf ni qajeelcha.
7.Wixinee seeraafi gabaasni qaamolee Mootummaa akkuma barbaachisummaa isaatti dursee miseensota Caffichaa dhaqqabuusaa ni mirkaneeffata.
8.Akkuma barbaachisummaa isaatti dhimma Caffichaan irratti mariin gaggeeffamaa ture tokko erga mari’atameen booda ejjennoo Caffichi qabate ifa godha; sagalees itti kennisiisa.
9.Miseensota Caffichaa mirgi addaa qaban akka irraa ka’u yoo murtaa’e, qaama ilaalutti ni beeksisa.
10.Miseensota Caffee sababa adda addaatiin hir’atan qaama dhimmi ilaalu beeksisuudhaan akkaataa filannoodhaan bakka buusuudhaaf itti danda’amu ni mijeessa.
11.Murteewwan, ajajootaafi qajeelfamoota Caffichaan kennaman qaamolee, abbootii taayitaa ykn namoota dhimmi ilaaluuf dabarsuudhaan ni beeksisa; hojiirra ooluusaas ni hordofa.
12.Baajata hojiif barbaachisu qopheessee Caffichatti dhiyeessee ni raggaasisa; ni bulcha.
13.Caasaan hojjattoota waajjirichaa akkaataa seera bulchiinsa hojjattoota Mootummaa Naannichaatiin qophaa'ee hojiirra ooluusaa ni hordofa; ni to'ata.
14.Abbootiin taayitaa, hoggantoonni hojiifi namoonni hubachiisummaaf barbaadaman walgahii Caffichaarratti akka argaman ni taasisa.
15.Afyaa’iiwwan Manneen Maree Aanaalee, Magaalotaafi Gandootaa deeggarsa barbaachisaa ta’e akka argatan ni taasisa.
16.Komishinii Hiiktuu Heera Mootummaa Naannichaa ni gurmeessa; deeggarsas ni kenna.
17.Manneen Maree Aanaalee, Magaalotaafi Gandoota wajjiin qunnamtii hojii jiraachuu qabuuf, ijaarsa barbaachisaa qoratee hojiirra ni oolcha.
18.Dambii Caffeen raggaasu, qajeelfamootaafi maanuwaalota Koree Mari’achiistuun bahan guyyoota 15 keessatti sirreeffamni barbaachisaa ta’e akka raawwatamu gochuun mallatteessee akka maxxanfamu taasisa.
19.Hojiilee Caffichaan kennamaniif kan biroo ni raawwata.