Affeerraa Yaada Ummataa

 

Qaamoleen Mootummaa seera burqisiisuu akka danda’an mirgi seeraan kennameefi jira. Caffeen ammoo hojimaata wixinee seeraa qoratee Yaa’ii Caffeedhaan itti mirkaneessu ni qaba. Waggoota darban keessa seerota Qaamolee Mootummaafi Manneen Hojii Mootummaatiin wixineeffamanii Caffeef dhiyaatan 218 karaa hojimaatasaa hordofeen Yaa’ii Caffeetiin raggaasifamanii jiru.

Haa ta’u malee, Caffeen hojimaata wixineewwan seeraa qoratee ittiin raggaasisu kan qabu ta’us, sadarkaalee seerota hanga wixineessutti jiran ilaalchisee hojimaati seeraan taa’e waan hin jirreef hin jiru.  

Wixinee Labsii Sirna Qophii Wixinee Seeraa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Murteessuuf Bahe kana qopheessee jira. Kanaaf, Caffeen Oromiyaa ummati Naannoo keenyaa, keessattuu, qorattootiifi ogeessoti seeraa wixinee labsii kanarratti yaada qaban akka kennan affeeree jira. Yaada nuu kennitaniif dursinee galateeffanna.

yaada keessaan kara         E-mail:   This email address is being protected from spambots. You need JavaScript enabled to view it. ykn  Toora Facebook'n :CaffeeOromia

WixineeLabsiiSirna Qophii Wixinee Seeraa Mootummaa Naannoo
OromiyaaMurteessuuf Bahe, Labsii Lak._____/2011