BEEKSISA: Guraandhala 09/2011 Miseensota Caffee Oromiyaa Hundaaf

 

Yaa’iin Idilee 9ffaa Waggaa 4ffaa Bara Hojii Caffee 5ffaa Guraandhala 17/2011 irraa eegalee Magaalaa Adaamaa Galma Caffeetti Ni adeemsifama. Kanaafuu, miseensonni Caffee Oromiyaa hundi waraqaa eenyummeessaa Miseensa Caffee ta’uu keessan ibsu qabattanii Guraandhala 16/2011 waaree booda sa’aatii 8:30 irraa eegalee Magaalaa Adaamaa Galma Caffeetti argamuun akka gabaastan isin beeksifna.

Kookasiin Dubartoota Miseensota Caffees Guraandhala 16/2011 sa’aa 2:30 irraa eegalee waan gaggeeffamuuf Dubartoonni Miseensota Caffee hundi Guraandhala 15/2011 Magaalaa Adaamaa galtanii akka bultan isin beeksifna.

Waajjira Caffee Oromiyaa
Finfinnee

No photo description available.