Ergaa Kabajamoo Afyaaโii Caffee Oromiyaa
Article Index
Kab.Addee Sa'adaa Abdurahmaan
Caffeen Oromiyaa qaamolee mootummaa sadan keessaa isa tokko taโee qaama seera baasaafi qaama abbaa aangoo siyaasaa isa olaanaa Naannichaa akka taโe ni beekama. Caffeen buโuura Heera Mootummaa Naannichaa Fooyyaโee Bahe Keewwata 48 (1) jalatti akkaataa tumameen filannoo Biyyoolessaafi Naannolee waggaa shan shaniin karaa bilisaa, amanamaafi sagaleen uummataa iccitiin itti kennamuun filatamee hundaaโuu dha.
Naannoon Oromiyaa, Naannolee Filannoo 179 kan qabdu yoo taโu naannoo filannoo tokkorratti kaadhimamtoonni sadi sadi dhaaba tokko bakka buโuun dorgomuu dandaโu. Caffeen Mootummaa Naannoo Oromiyaa waliigalaan teessoo 537 qaba. Hundeeffama isaarraa hanga xumuura bara 2007tti Caffeen Baroota Hojii afur dabarsee jira. Buโaa filannoo marsaa shanaffaa bara 2007 gaggeessineenis Caffeen Bara Hojii 5ffaa Hagayya 14/2007 adeemsisuun hojiisaa eegalee jira.
Caffeen aangoo Heera Naannichaatiin Keewwata 49 jalatti kennameef irratti hundaaโuun, seerota adda addaa qulqullina isaanii eeggatan tumuu, karooraafi baajata qaamolee mootummaa raaggaasuun raawwiisaa hordofuufi toโachuun, dandeettii raawwachiisummaa qaamolee isaafi Manneen Maree Uummataa sadarkaan jira cimsuun ergama hojii bakka buโummaa ummataa gahumsaan akka bahataniif deeggarsa barbaachisaa taโe ni taasisa. Caffeen hojii hordoffiifi tooโannoo qaamolee mootummaarratti taasisuun ummanni naannoo keenyaa misooma ariifachiisaafi itti fufiinsa qabu, ijaarsa sirna demookraasiifi nageenya amansiisaa mirkaneessuuf sochii taasifamu keessatti balโinaan akka hirmaatuufi buโaasaarraayis akka fayyadamu cimee kan hojjetu taโa. Hundaa ol ammoo, rakkoolee bulchiinsa gaarii ummanni naannoo keenyaa balโinaan kaasaa jiruuf deebii hatattamaa kennuuf yeroo kamirraayyuu bifa adda taโeen xiyyeeffannaa kennee hojjetaa jira.