Mata Duree

CAFFEE – (Gur. 11,2012): Caffeen Oromiyaa, Wixinee Labsii Zoonii Diinagdee Addaa Gadaa Hundeessuuf Bahe irratti mari’achuun raggaasee jira.


_____//______ 
Wixinee kana Caffeetti Dura Taa’aa Koree Dhaabbii Dhimma Bulchiinsaafi Seeraa Kab. Obbo Issaa Boruu, Hoogganaa Komiishinii Karooraafi Misooma Dinagdee Oromiyaa Dr. Tashoomaa Addunyaafi hubachiiftonni biroo Caffeef dhiyeessanii jiru.

Barbaachisummaa wixinichaa ilaalchisee, tiraansifoormeeshinii diinagdeefi misooma naannichaa ariifachiisuu kan dandeessisu Zoonii Diinagdee Addaa Gadaa hundeessuun investimentii biyya alaa hawwachuun diinagdee al-ergiidhaan deeggarameefi bu’a qabeessa ta’e uumuun carraawwan hojii zoonicha keessatti bal’inaan uumaman irratti hirmaachuun rakkoo hojii dhabdummaa dargaggootaa furuufi misooma al-ergii guddisuun sharafa biyya alaa argamsiisuuf, nageenyummaa namaafi naannoo eegsisuuf, akkasumas, qabeenya lafaa qusannaan itti fayyadamuufi gama biraan ammoo, qaamolee Zoonicha misoomsaniifi bulchan gurmeessuuf hojimaataafi sirna hordoffiifi to’annoo diriirsuun barbaachisaa waan ta’eef wixineen kun kan qophaa’e ta’uu ibsaniiru.

Bu’uuruma kanaan, Caffeen wixinee Labsii dhiyaate kana irratti bal’inaan erga mari’ateen booda raggaasee jira. Afyaa’iin Caffee Oromiyaa Kab. Addee Loomii Badhoos wixineen ragga’e kun Labsii Lak. Lak. 226/2012 ta’ee kan hojiirra oolu ta’uu beeksisanii jiru.

 
  • 1
  • 2
  • 3
  • 4
  • 5
  • 6
Prev Next

CAFFEE – (Gur. 11,20…

CAFFEE – (Gur. 11,2012): Caffeen Oromiyaa muudama qaama raawwachiisaa adda addaa Pireezidaantii MNO Kabajamoo Obbo Shimallis Abdiisaatiin dhiyaateef irratti mari'atee haala armaan gadiin mirkaneessee jira. Kaadhimamtoonni Miseensa Kaabinee Naannichaa ta'anii...

Gutuu isaa Dubbisuuf

muudama Pirazdaantii…

CAFFEE - (Gur. 11,2012): Caffeen Oromiyaa Kabajamoo Obbo Shimallis Abdiisaa Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta'anii Naannicha akka hooggananiif moggaasee jira.

Gutuu isaa Dubbisuuf

CAFFEE – (Gur. 11,20…

_____//______ Wixinee kana Caffeetti Dura Taa’aa Koree Dhaabbii Dhimma Bulchiinsaafi Seeraa Kab. Obbo Issaa Boruu, Hoogganaa Komiishinii Karooraafi Misooma Dinagdee Oromiyaa Dr. Tashoomaa Addunyaafi hubachiiftonni biroo Caffeef dhiyeessanii jiru. Barbaachisummaa wixinichaa ilaalchisee...

Gutuu isaa Dubbisuuf

CAFFEE – (Gur. 11,20…

___//___Wixinee kana Caffeetti Dura Taa’aa Koree Dhaabbii Dhimma Baajataafi To’annoo Baasii Mootummaa Kab. Obbo Yiilmaa Wayyeessaa, Dura Taa'aa Koree Dh/Dh Bulchiinsaafi Seeraa fi Hoji Gaggeessaa Tumsaa Indoowumantii Kab. Obbo Abarraa...

Gutuu isaa Dubbisuuf

CAFFEE – (Gur. 11,20…

____//___Wixinee kana Dura Taa’aa Koree Dhaabbii Dhimma Bulchiinsaafi Seeraa Kab. Obbo Issaa Boruu, Dura Taa’aa Koree Dhaabbii Dhimma Bu’uuraalee Misoomaa Kab. Obbo Ahimad Mahaammadiifi hubachiiftonni biroo Caffeef dhiyeessanii jiru. Barbaachisummaa...

Gutuu isaa Dubbisuuf

CAFFEE – (Gur. 11,20…

______//_______ Wixinee kana Caffeetti Dura Taa’aa Koree Dhaabbii Dhimma Bu’uuraalee MIsoomaa Kab. Obbo Ahimad Mahaammad, D/T/Koree Dh/Dhimma Bulchiinsaafi Seeraa Kab. Obbo Issaa Boruufi qaamni wixinee kana qopheesse Caffeef dhiyeessanii jiru. Barbaachisummaa...

Gutuu isaa Dubbisuuf

CAFFEE HEAD OFFICE ADDRESS

     strFINFINNE AROUND SAR BET  INFRONT OF OROMIA BUREAUS

       Office Opening hour

    str  Monday - Friday:            Morning:  08:30am - 12:30 pm       Afternoon:  01:30 pm -  05:30 pm

        CALL US:  Tel:  +251-113-72-62-18timer

               Fax: +251-113- 71-48-04  

                             P.O. Box:21383 - 1000