Mata Duree

CAFFEE – (Gur. 11,2012): Caffeen Oromiyaa, Wixnee Labsii Bulchiinsa Hojiiwwan Misooma Albuudaa Naannoo Oromiyaa Murteessuuf Bahe Lakkoofsa 91/1997 Irra Deebiidhaan Fooyyessuuf Bahe raggaaseera.


______//_______

Wixinee kana Caffeetti Dura Taa’aa Koree Dhaabbii Dhimma Bu’uuraalee MIsoomaa Kab. Obbo Ahimad Mahaammad, D/T/Koree Dh/Dhimma Bulchiinsaafi Seeraa Kab. Obbo Issaa Boruufi qaamni wixinee kana qopheesse Caffeef dhiyeessanii jiru. Barbaachisummaa wixinichaa ilaalchisee, albuudni naannicha keessatti argamu qabeenya uumamaa ummataafi mootummaa naannichaa waan ta’eef eegumsaafi kunuunsa gahaa taasisuun faayidaa ummataatiif oolchuudhaaf, albuubdni lafarraafi lafa keessatti argamu qabeenya uumamaa dhumataa deebi’ee bakka buufamuu hin dandeenye waan ta’eef faayidaa ummataa, diinagdee naannichaafi biyyaatiif karaa itti fufiinsa qabuun hojiirra oolchuuf, sirna hojii oomishaafi geejjiba albuudaa seera qabeessa ta’eefi daldala seeraan alaa to’achuun bu’a qabeessummaa naannichaa dabaluuf sirna bulchiinsa hojiiwwan albuudaa seeraan deeggaruun barbaachisaa waan ta’eef wixineen kun qophaa’e jedhan.

Bu’uuruma kanaan, Caffeen wixinee Labsii dhiyaate kana irratti bal’inaan erga mari’ateen booda sagalee caalmaan raggaasee jira. Afyaa’iin Caffee Oromiyaa Kab. Addee Loomii Badhoos wixineen ragga’e kun Labsii Bulchiinsa Hojiiwwan Misooma Albuudaa Naannoo Oromiyaa Murteessuuf Bahe Lakkoofsa 91/1997 Irra Deebiidhaan Fooyyessuuf Bahe Lak. 223/2012 ta’ee kan hojiirra oolu ta’uu beeksisanii jiru.

  • 1
  • 2
  • 3
  • 4
  • 5
  • 6
Prev Next

CAFFEE - (Adoolessa …

CAFFEE - (Adoolessa 18,2012): Koreewwan Dhaabbii Caffee Hordoffiifi To’annoo Bara 2012 keessa taasisaa turan qindeessuun Gabaasa Qaama Raaawaachiisaa dhiyaate irratti yaada waliigalaa Caffeef dhiyeessanii jiru

. __//__ D/T/Koree Dh/Dh/Misooma Magaalaa Caffee Oromiyaa Kab. Obbo Lachiisaa Hayyuu Gabaasa Raawwii Hojii Bara 2012 Pireezidaantii MNOtiin dhiyaate ilaalchisee hordoffiifi to’annoo Koreewwan Dhaabbii bara kana taasisaa turan cuunfuun yaada waliigalaa Caffeef...

Gutuu isaa Dubbisuuf

CAFFEE - (Adoolessa …

  __//___ Karoorri Bara 2013 qaama karoora imala badhaadhinaa waggoottan kurnan itti aananii ta’e, bara 2013tti oomishaafi oomishtummaa qonnaa dabaluun cinaatti, hojiiwwan tarsiimaa’aa ta’an kan akka makaanaayizeeshinii qonnaa, misooma beeyladaa, misooma jallisiifi...

Gutuu isaa Dubbisuuf

CAFFEE – Gabaasa Qaa…

  __//__ Bara 2012tti barattoota mil. 11.1 simachuuf karoorfamee, barattoonni mil. 10.6 (%96.4) carraa barnootaa argatanii kan barachaa jiran yammuu ta’u; kanneen keessaa mil. 4.8 barattoota shamarraniiti. Akkasumas, barnoota fedhii addaatiin barattoota...

Gutuu isaa Dubbisuuf

CAFFEE – (Adoolessa …

CAFFEE – (Adoolessa 18,2012): Hojiiwwan Bara Kana Gama Misooma Magaalaatiin hojjetaman ilaalchisee Kab. Pireezidaantii MNO Caffeef wayita dhiyeessan

  __//__ Gama Misooma Magaalaatiin uwwisa bu’uuraalee misoomaa guddisuuf bara kana baajata mootummaa, galii mana qopheessaa, fandii baankii addunyaafi hirmaannaa uummataatiin hojii sagantaalee adda addaatiin bu’uuraalee misoomaa pirojeektoota 1,395 ummata mil.1.5 fayyadamaa...

Gutuu isaa Dubbisuuf

CAFFEE - (Adoolessa …

  ___//___ Gaaasa dhiyaate keessaa gama diinagdeetiin hojjetaman ilaalchisee akka dhiyeessanitti, Karoora KGT 2ffaa bara kana xumurameen raawwii gaarii galmaa’een fayyadamummaa ummataa mirkaneessuun danda’ameera. Imaammattootaafi tasiimoowwan misoomaa, ijaarsa sirnaa dimokraasii fi bulchiinsa...

Gutuu isaa Dubbisuuf

CAFFEE - (Adoolessa …

  __//__ Qabsaa’aafi mallattoo tokkummaa qabsoo Oromoo kan ta’e Artiist Haacaaluu Hundeessaa irratti ajjeechaa garajabinaa raawwatameef gadda guddaa natti dhagahame ibsa. Walgahii Idilee 12ffaa Caffee Oromiyaa yeroo addaa fi murteessaa ta’e kanatti...

Gutuu isaa Dubbisuuf

CAFFEE HEAD OFFICE ADDRESS

     strFINFINNE AROUND SAR BET  INFRONT OF OROMIA BUREAUS

       Office Opening hour

    str  Monday - Friday:            Morning:  08:30am - 12:30 pm       Afternoon:  01:30 pm -  05:30 pm

        CALL US:  Tel:  +251-113-72-62-18timer

               Fax: +251-113- 71-48-04  

                             P.O. Box:21383 - 1000