Mata Duree

CAFFEE - (Onkoloolessa 25 Bara 2012) : Koreen Dhaabbii Dhimma Hawaasummaa Caffee Oromiyaa gabaasa raawwii hojii kurmaana 1ffaa manneen hojii isaaf itti waamaman 8 dhaggeeffatee kallattii itti aanu kaa’ee jira.


____//____
Koreen kun, gamaaggama taasiseen gama barnootaatiin, hojiin baruufi barsiisuu Afaan Oromootiin Naannolee biroofi Finfinnee keessatti gaggeeffamaa jiru cimee itti fufuu kan qabu ta’uu ibsuun hordoffiifi to’annoon dhaabbilee barnoota dhuunfaa irratti taasifamaa jiru garuu xiyyeeffannaa olaanaa barbaada jedheera.

Gama biraatiin, fayyaan walqabatee dhiyeessiifi to’annoo Ambulaansii, meeshaalee wal’aansa hospitaalota haaraa ijaaramaniif guutuun hojii jalqabsiisuun walqabatee hojiin hojjetame akka ciminaatti kan ilaalame yommuu ta’u, haadholiin tajaajila dahumsaa mana yaalaatti argachuu qaban, ammallee gadaanaa ta’uu ibsuun hanqina jedhee dhimmoota adda baase keessaa isa tokkodha.

Kana malees, ayyaanni Irreechaa Finfinneefi Oromiyaa bakkeewwan adda addaatti haala gaariifi nagaan kabajamuufi barnoonni raadiyoo karaa saatalaayitii OBNn darbuu jalqabuun jalqabbii gaarii ta’uu eeree jira.

Xumuura irrattis, manneen hojii dhimmi ilaalu, dhaabbilee dhuunfaa barnootaa, fayyaafi warshaalee adda addaa waliin walqunnamtii cimaa taasisuun, du’aatii haadholeefi daa’immanii xiqqeessuuf xiyyeeffannaan hojjechuufi piroojeektiiwwan buleeyyii xumuursisuun hojiitti galchuu akka qaban ibsuun kallattii hojii isaanii itti aanu keessatti xiyyeeffannoon hojjechuu akka qaban akeekanii jiru.

Image may contain: 1 person, sitting
Image may contain: 11 people, people sitting, table and indoor
  • 1
  • 2
  • 3
  • 4
  • 5
  • 6
Prev Next

CAFFEE – (Gur. 11,20…

CAFFEE – (Gur. 11,2012): Caffeen Oromiyaa muudama qaama raawwachiisaa adda addaa Pireezidaantii MNO Kabajamoo Obbo Shimallis Abdiisaatiin dhiyaateef irratti mari'atee haala armaan gadiin mirkaneessee jira. Kaadhimamtoonni Miseensa Kaabinee Naannichaa ta'anii...

Gutuu isaa Dubbisuuf

muudama Pirazdaantii…

CAFFEE - (Gur. 11,2012): Caffeen Oromiyaa Kabajamoo Obbo Shimallis Abdiisaa Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta'anii Naannicha akka hooggananiif moggaasee jira.

Gutuu isaa Dubbisuuf

CAFFEE – (Gur. 11,20…

_____//______ Wixinee kana Caffeetti Dura Taa’aa Koree Dhaabbii Dhimma Bulchiinsaafi Seeraa Kab. Obbo Issaa Boruu, Hoogganaa Komiishinii Karooraafi Misooma Dinagdee Oromiyaa Dr. Tashoomaa Addunyaafi hubachiiftonni biroo Caffeef dhiyeessanii jiru. Barbaachisummaa wixinichaa ilaalchisee...

Gutuu isaa Dubbisuuf

CAFFEE – (Gur. 11,20…

___//___Wixinee kana Caffeetti Dura Taa’aa Koree Dhaabbii Dhimma Baajataafi To’annoo Baasii Mootummaa Kab. Obbo Yiilmaa Wayyeessaa, Dura Taa'aa Koree Dh/Dh Bulchiinsaafi Seeraa fi Hoji Gaggeessaa Tumsaa Indoowumantii Kab. Obbo Abarraa...

Gutuu isaa Dubbisuuf

CAFFEE – (Gur. 11,20…

____//___Wixinee kana Dura Taa’aa Koree Dhaabbii Dhimma Bulchiinsaafi Seeraa Kab. Obbo Issaa Boruu, Dura Taa’aa Koree Dhaabbii Dhimma Bu’uuraalee Misoomaa Kab. Obbo Ahimad Mahaammadiifi hubachiiftonni biroo Caffeef dhiyeessanii jiru. Barbaachisummaa...

Gutuu isaa Dubbisuuf

CAFFEE – (Gur. 11,20…

______//_______ Wixinee kana Caffeetti Dura Taa’aa Koree Dhaabbii Dhimma Bu’uuraalee MIsoomaa Kab. Obbo Ahimad Mahaammad, D/T/Koree Dh/Dhimma Bulchiinsaafi Seeraa Kab. Obbo Issaa Boruufi qaamni wixinee kana qopheesse Caffeef dhiyeessanii jiru. Barbaachisummaa...

Gutuu isaa Dubbisuuf

CAFFEE HEAD OFFICE ADDRESS

     strFINFINNE AROUND SAR BET  INFRONT OF OROMIA BUREAUS

       Office Opening hour

    str  Monday - Friday:            Morning:  08:30am - 12:30 pm       Afternoon:  01:30 pm -  05:30 pm

        CALL US:  Tel:  +251-113-72-62-18timer

               Fax: +251-113- 71-48-04  

                             P.O. Box:21383 - 1000