Mata Duree

CAFFEE - (Onkoloolessa 26 Bara 2012): Koreen Dhaabbii Dhimma Dubartootaa, Daa'immaniifi Dargaggootaa Caffee Oromiyaa raawwii hojii Kurmaana 1ffaa Biiroo Dhimma Dubartootaafi Daa'immanii, akkasumas, Komiishinii Ispoortii Oromiyaa qoratee jira.


______//________
Qophii karoora bara 2012 irratti hundaa'uun raawwii hojii Kurmaana 1ffaa kan xiinxale koreen kun, dubartoonniifi dargaggoonni hojii kenna tajaajila lammummaa keessatti hirmaannaan taasisaa turan, aadaan qusannoo dubartootaa, bakka oolmaa Ispoortii dargaggootaa sadarkaan jiru cimsuuf hojiin adda baasuufi abbaa qabeenyummaa mirkaneessuuf hojjetame akka ciminaatti ilaalameera.

Haa ta'u malee, carraa hojii dubartootaafi dargaggootaaf uumuun walqabatee hojiin dhimmamtoota waliin qindoominaan hojjetamuu qabuufi humna raawwachiisummaa waldaalee Ispoortii cimsuuf hojiin hojjetame karooraa gadi ta'uu koreen kun gamaaggamee jira.

Walumaagalatti, sirna hordoffiifi deeggarsaa, akkasumas, gamaaggamaafi duubdeebii cimaafi yeroosaa eeggate diriirsuun hanqinaalee mudatan sirreessaa deemuun fayyadamummaan dubartootaa, daa'immaniifi dargaggootaa mirkaneessuuf manneen hojii dhimmi ilaalu akka irratti hojjetaniif Dura Teessuun Koree Dhaabbii Dhimma Dubartootaa, Daa'immaniifi Dargaggootaa Addee Mastaawut Fayyisaa akeekanii jiru.

Image may contain: 1 person
Image may contain: 3 people, people sitting and indoor
Image may contain: 5 people, people sitting and indoor
  • 1
  • 2
  • 3
  • 4
  • 5
  • 6
Prev Next

CAFFEE – (Gur. 11,20…

CAFFEE – (Gur. 11,2012): Caffeen Oromiyaa muudama qaama raawwachiisaa adda addaa Pireezidaantii MNO Kabajamoo Obbo Shimallis Abdiisaatiin dhiyaateef irratti mari'atee haala armaan gadiin mirkaneessee jira. Kaadhimamtoonni Miseensa Kaabinee Naannichaa ta'anii...

Gutuu isaa Dubbisuuf

muudama Pirazdaantii…

CAFFEE - (Gur. 11,2012): Caffeen Oromiyaa Kabajamoo Obbo Shimallis Abdiisaa Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta'anii Naannicha akka hooggananiif moggaasee jira.

Gutuu isaa Dubbisuuf

CAFFEE – (Gur. 11,20…

_____//______ Wixinee kana Caffeetti Dura Taa’aa Koree Dhaabbii Dhimma Bulchiinsaafi Seeraa Kab. Obbo Issaa Boruu, Hoogganaa Komiishinii Karooraafi Misooma Dinagdee Oromiyaa Dr. Tashoomaa Addunyaafi hubachiiftonni biroo Caffeef dhiyeessanii jiru. Barbaachisummaa wixinichaa ilaalchisee...

Gutuu isaa Dubbisuuf

CAFFEE – (Gur. 11,20…

___//___Wixinee kana Caffeetti Dura Taa’aa Koree Dhaabbii Dhimma Baajataafi To’annoo Baasii Mootummaa Kab. Obbo Yiilmaa Wayyeessaa, Dura Taa'aa Koree Dh/Dh Bulchiinsaafi Seeraa fi Hoji Gaggeessaa Tumsaa Indoowumantii Kab. Obbo Abarraa...

Gutuu isaa Dubbisuuf

CAFFEE – (Gur. 11,20…

____//___Wixinee kana Dura Taa’aa Koree Dhaabbii Dhimma Bulchiinsaafi Seeraa Kab. Obbo Issaa Boruu, Dura Taa’aa Koree Dhaabbii Dhimma Bu’uuraalee Misoomaa Kab. Obbo Ahimad Mahaammadiifi hubachiiftonni biroo Caffeef dhiyeessanii jiru. Barbaachisummaa...

Gutuu isaa Dubbisuuf

CAFFEE – (Gur. 11,20…

______//_______ Wixinee kana Caffeetti Dura Taa’aa Koree Dhaabbii Dhimma Bu’uuraalee MIsoomaa Kab. Obbo Ahimad Mahaammad, D/T/Koree Dh/Dhimma Bulchiinsaafi Seeraa Kab. Obbo Issaa Boruufi qaamni wixinee kana qopheesse Caffeef dhiyeessanii jiru. Barbaachisummaa...

Gutuu isaa Dubbisuuf

CAFFEE HEAD OFFICE ADDRESS

     strFINFINNE AROUND SAR BET  INFRONT OF OROMIA BUREAUS

       Office Opening hour

    str  Monday - Friday:            Morning:  08:30am - 12:30 pm       Afternoon:  01:30 pm -  05:30 pm

        CALL US:  Tel:  +251-113-72-62-18timer

               Fax: +251-113- 71-48-04  

                             P.O. Box:21383 - 1000