Mata Duree

CAFFEE - (Onk. 27, 2012) Koreen Dhaabbii Dhimma Bu'uuraalee Misoomaa Caffee Oromiyaa raawwii hojii kurmaana 1ffaa seektaroota isaaf itti waamaman qoratee kallattii kaa'ee jira.


______//______

Manneen hojii Koree kanaan hordofaman, Biiroo Misooma Qabeenya Bishaaniifi Inarjii Oromiyaa, A/T/ Daandiiwwan Oromiyaa, A/T/Geejjiba Oromiyaa, A/T/ Konistiraakshinii Oromiyaa, A/T/ Dhaabbilee Misoomaa Oromiyaafi A/T/ Misooma Albuudaa Oromiyaa yommuu ta'an manneen hojii kunniin, gabaasa raawwii hojii kurmaana 1ffaa sektara isaanii koree kanaaf dhiyeesssanii jiru.

Akka waliigalaatti, Pirojektoota gurguddoo waggaa dheeraaf lafa irra harkifachuudhaan komii uummataa ta'an adda baasuudhaan xiyyeeffanna kurmaana 1ffaa taasisuuf hojiin hojjetame akka ciminaatti ilaalamee jira. Haa ta'u malee, manneen hojii kanneen biratti rakkoon bulchiinsa gaarii, diizaayiniirraa eegalee harkifannaa piroojektootaa jiraachuufi yeroo kaa'ameef keessatti xumuramuu dhabuun, qooda fudhattootaa waliin qindoominaan hojjechuurratti hanqinni kan jiru ta'uun gamaaggama taasifame irraa hubachuun danda'ameera.

Walumaagalatti, dhimmoota rakkoo bulchiinsa gaarii ta’an adda baasuun hatattamaan deebii kennaa deemuun, argannoowwan oodiitii akka mana hojiitti adda bahaniif xiyyeeffanna kennuu, piroojeektota gurguddoo xumuuraman tajaajila uummataatiif banaa taasisuun karoora KGT 2ffaaf karoorfame karaa milkeessuun danda'amuun bara kana xiyyeeffannoo addaan hojjetamuu akka qaban Dura Taa'aan Koree Dhaabbii Dhimma Bu'uuraalee Misoomaa Caffee Oromiyaa Obbo Ahimad Mahammad kallattii hojii itti aanu ilaalchisee sektaroota dhimmi ilaaluuf kennan keessatti eeraniiru.

Image may contain: 1 person, sittingImage may contain: 3 people, people sitting, table and indoor
Image may contain: one or more people
  • 1
  • 2
  • 3
  • 4
  • 5
  • 6
Prev Next

CAFFEE – (Gur. 11,20…

CAFFEE – (Gur. 11,2012): Caffeen Oromiyaa muudama qaama raawwachiisaa adda addaa Pireezidaantii MNO Kabajamoo Obbo Shimallis Abdiisaatiin dhiyaateef irratti mari'atee haala armaan gadiin mirkaneessee jira. Kaadhimamtoonni Miseensa Kaabinee Naannichaa ta'anii...

Gutuu isaa Dubbisuuf

muudama Pirazdaantii…

CAFFEE - (Gur. 11,2012): Caffeen Oromiyaa Kabajamoo Obbo Shimallis Abdiisaa Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta'anii Naannicha akka hooggananiif moggaasee jira.

Gutuu isaa Dubbisuuf

CAFFEE – (Gur. 11,20…

_____//______ Wixinee kana Caffeetti Dura Taa’aa Koree Dhaabbii Dhimma Bulchiinsaafi Seeraa Kab. Obbo Issaa Boruu, Hoogganaa Komiishinii Karooraafi Misooma Dinagdee Oromiyaa Dr. Tashoomaa Addunyaafi hubachiiftonni biroo Caffeef dhiyeessanii jiru. Barbaachisummaa wixinichaa ilaalchisee...

Gutuu isaa Dubbisuuf

CAFFEE – (Gur. 11,20…

___//___Wixinee kana Caffeetti Dura Taa’aa Koree Dhaabbii Dhimma Baajataafi To’annoo Baasii Mootummaa Kab. Obbo Yiilmaa Wayyeessaa, Dura Taa'aa Koree Dh/Dh Bulchiinsaafi Seeraa fi Hoji Gaggeessaa Tumsaa Indoowumantii Kab. Obbo Abarraa...

Gutuu isaa Dubbisuuf

CAFFEE – (Gur. 11,20…

____//___Wixinee kana Dura Taa’aa Koree Dhaabbii Dhimma Bulchiinsaafi Seeraa Kab. Obbo Issaa Boruu, Dura Taa’aa Koree Dhaabbii Dhimma Bu’uuraalee Misoomaa Kab. Obbo Ahimad Mahaammadiifi hubachiiftonni biroo Caffeef dhiyeessanii jiru. Barbaachisummaa...

Gutuu isaa Dubbisuuf

CAFFEE – (Gur. 11,20…

______//_______ Wixinee kana Caffeetti Dura Taa’aa Koree Dhaabbii Dhimma Bu’uuraalee MIsoomaa Kab. Obbo Ahimad Mahaammad, D/T/Koree Dh/Dhimma Bulchiinsaafi Seeraa Kab. Obbo Issaa Boruufi qaamni wixinee kana qopheesse Caffeef dhiyeessanii jiru. Barbaachisummaa...

Gutuu isaa Dubbisuuf

CAFFEE HEAD OFFICE ADDRESS

     strFINFINNE AROUND SAR BET  INFRONT OF OROMIA BUREAUS

       Office Opening hour

    str  Monday - Friday:            Morning:  08:30am - 12:30 pm       Afternoon:  01:30 pm -  05:30 pm

        CALL US:  Tel:  +251-113-72-62-18timer

               Fax: +251-113- 71-48-04  

                             P.O. Box:21383 - 1000