Mata Duree

CAFFEE - (Sad. 03 Bara 2012): Koreen Dhaabbii Dhimma Bulchiinsaafi Seeraa Caffee Oromiyaa gabaasa raawwii hojii kurmaana 1ffaa qaamolee haqaa qoratee jira.


_____//_____
Koreen kun, gabaasa raawwii hojii Waajjira Pireezidaantii MNO, Mana Murtii Waliigala Oromiyaa, Mana Hojii Abbaa Alangaa Waliigalaa, Biiroo Bulchiinsaafi Nageenyaa, Komiishinii Naamusaafi Farra Malaammaltummaa, Komiishinii Poolisii, Komiishinii Bulchiinsa Manneen Sirreessaa, Ejensii Galmeessa Ragaalee Bu’uuraa dabalatee kan manneen hojii sagalii korichaaf itti waamaman gamaaggamee jira.

Gamaaggama taasifameenis, qaamoleen haqaa karoora qindaawaa waliin ta’uun baafachuun yakkoota dantaa ummataafi mootummaa irratti dhiibbaa qaqqabsiisan kan akka daldala seeraan alaafi kontirobaandii to’achuun hojii hojjetamaa ture akka ciminaatti ilaalameera. Gama biraan, qaamoleen haqaa olaantummaa seeraa kabachiisuuf ciminaan hojjechuu irratti, haala biyyaafi naannoo xiinxaluun rakkoon osoo hin mudatiin dursanii nagaa hawaasaa eegsisuufi eeguun dhimmoota xiyyeeffannoo barbaadan ta’uu ibsa koreen kun.

Walumaagalatti, manneen hojii hunda keessatti hanqinoonni raawwii hojii kurmaana 1ffaa keessatti mudatan kurmaana itti aanu keessatti ciminaan irratti hojjetamuu akka qaban Dura Taa’aan Koree kanaa Obbo Issaa Boruu kallattii hojii itti aanu keessatti ibsanii jiru.

Image may contain: 1 person
Image may contain: 4 people, people sitting, wedding and indoor
Image may contain: 7 people, people sitting and indoor
Image may contain: 6 people, people sitting, table and indoor
  • 1
  • 2
  • 3
  • 4
  • 5
  • 6
Prev Next

CAFFEE – (Gur. 11,20…

CAFFEE – (Gur. 11,2012): Caffeen Oromiyaa muudama qaama raawwachiisaa adda addaa Pireezidaantii MNO Kabajamoo Obbo Shimallis Abdiisaatiin dhiyaateef irratti mari'atee haala armaan gadiin mirkaneessee jira. Kaadhimamtoonni Miseensa Kaabinee Naannichaa ta'anii...

Gutuu isaa Dubbisuuf

muudama Pirazdaantii…

CAFFEE - (Gur. 11,2012): Caffeen Oromiyaa Kabajamoo Obbo Shimallis Abdiisaa Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta'anii Naannicha akka hooggananiif moggaasee jira.

Gutuu isaa Dubbisuuf

CAFFEE – (Gur. 11,20…

_____//______ Wixinee kana Caffeetti Dura Taa’aa Koree Dhaabbii Dhimma Bulchiinsaafi Seeraa Kab. Obbo Issaa Boruu, Hoogganaa Komiishinii Karooraafi Misooma Dinagdee Oromiyaa Dr. Tashoomaa Addunyaafi hubachiiftonni biroo Caffeef dhiyeessanii jiru. Barbaachisummaa wixinichaa ilaalchisee...

Gutuu isaa Dubbisuuf

CAFFEE – (Gur. 11,20…

___//___Wixinee kana Caffeetti Dura Taa’aa Koree Dhaabbii Dhimma Baajataafi To’annoo Baasii Mootummaa Kab. Obbo Yiilmaa Wayyeessaa, Dura Taa'aa Koree Dh/Dh Bulchiinsaafi Seeraa fi Hoji Gaggeessaa Tumsaa Indoowumantii Kab. Obbo Abarraa...

Gutuu isaa Dubbisuuf

CAFFEE – (Gur. 11,20…

____//___Wixinee kana Dura Taa’aa Koree Dhaabbii Dhimma Bulchiinsaafi Seeraa Kab. Obbo Issaa Boruu, Dura Taa’aa Koree Dhaabbii Dhimma Bu’uuraalee Misoomaa Kab. Obbo Ahimad Mahaammadiifi hubachiiftonni biroo Caffeef dhiyeessanii jiru. Barbaachisummaa...

Gutuu isaa Dubbisuuf

CAFFEE – (Gur. 11,20…

______//_______ Wixinee kana Caffeetti Dura Taa’aa Koree Dhaabbii Dhimma Bu’uuraalee MIsoomaa Kab. Obbo Ahimad Mahaammad, D/T/Koree Dh/Dhimma Bulchiinsaafi Seeraa Kab. Obbo Issaa Boruufi qaamni wixinee kana qopheesse Caffeef dhiyeessanii jiru. Barbaachisummaa...

Gutuu isaa Dubbisuuf

CAFFEE HEAD OFFICE ADDRESS

     strFINFINNE AROUND SAR BET  INFRONT OF OROMIA BUREAUS

       Office Opening hour

    str  Monday - Friday:            Morning:  08:30am - 12:30 pm       Afternoon:  01:30 pm -  05:30 pm

        CALL US:  Tel:  +251-113-72-62-18timer

               Fax: +251-113- 71-48-04  

                             P.O. Box:21383 - 1000