Mata Duree

Waajjirri Caffee Oromiyaa hooggansaafi hojjettoota isaa waliin Qophii Karoora Waggaa Bara 2012 irratti Magaalaa Adaamaatti mari'achaa jira.

CAFFEE - (Hagayya 16 Bara 2011): 
_______//________

Afyaa'iin Caffee Oromiyaa Kab. Addee Loomii Badhoo waltajjii kanarratti argamuun haasawaa gabaabaa taasisaniin, boqonnaa qophii karooraa kana keessatti hojii keenya wayita karoorfannu, hojiilee Caffeen raawwachuu qabu isaan ijoofi xiyyeeffannoo argachuu qaban, jijjiirama keessa jirru galmaan gahuuf hojii hordoffiifi to'annoo qaamolee mootummaaf manneen hojii waliin gaggeessinu karaa komii uummataafi rakkoolee bulchiinsa gaarii hiikuuf nu dandeessisaniin irratti karoorfannee hojjechuu kan qabnu ta'a jedhan.

Gama biraan immoo, barri kun, Caffeefi Manneen Maree Ummataa bara hojii isaanii xumuuruuf waggaa dhumaarra kan jiran yommuu ta'u, hojiiwwan waggoota arfan darban keessatti hojjetamaniifi bu'aawwan argaman akka galteetti fayyadamnee kanneen xiyyeeffannoo barbaadan immoo addaan baasnee yeroo nu hafe keessatti xiyyeeffannoo olaanaa kenninee hojjechuuf yeroo itti qophoofnudha jedhan Aaddee Loomiin. Mariin hooggantootaafi hojjettoota Waajjira Caffee waliin qophii karoora waggaa bara 2012 irratti gaggeeffamaa jiru kun guyyoota lamaaf kan itti fufu ta'a.

Image may contain: 1 person
Image may contain: 10 people, people sitting, people standing and indoor
  • 1
  • 2
  • 3
  • 4
  • 5
  • 6
Prev Next

CAFFEE - (Onkolooles…

CAFFEE - (Onkoloolessa 25 Bara 2012) : Koreen Dhaabbii Dhimma Hawaasummaa Caffee Oromiyaa gabaasa raawwii hojii kurmaana 1ffaa manneen hojii isaaf itti waamaman 8 dhaggeeffatee kallattii itti aanu kaa’ee jira.

____//____Koreen kun, gamaaggama taasiseen gama barnootaatiin, hojiin baruufi barsiisuu Afaan Oromootiin Naannolee biroofi Finfinnee keessatti gaggeeffamaa jiru cimee itti fufuu kan qabu ta’uu ibsuun hordoffiifi to’annoon dhaabbilee barnoota dhuunfaa irratti...

Gutuu isaa Dubbisuuf

CAFFEE - (Onkolooles…

CAFFEE - (Onkoloolessa 26 Bara 2012): Koreen Dhaabbii Dhimma Dubartootaa, Daa'immaniifi Dargaggootaa Caffee Oromiyaa raawwii hojii Kurmaana 1ffaa Biiroo Dhimma Dubartootaafi Daa'immanii, akkasumas, Komiishinii Ispoortii Oromiyaa qoratee jira.

______//________Qophii karoora bara 2012 irratti hundaa'uun raawwii hojii Kurmaana 1ffaa kan xiinxale koreen kun, dubartoonniifi dargaggoonni hojii kenna tajaajila lammummaa keessatti hirmaannaan taasisaa turan, aadaan qusannoo dubartootaa, bakka oolmaa Ispoortii...

Gutuu isaa Dubbisuuf

CAFFEE - (Onkolooles…

CAFFEE - (Onkoloolessa 26 Bara 2012): Koreen Dhaabbii Dhimma Baajataafi To’annoo Baasii Mootummaa Caffee Oromiyaa Raawwii Hojii Kurmaana 1ffaa bara 2012 Manneen Hojii shanii gamaaggamee jira. _

______ //______ Koreen kun, gabaasa raawwii hojii Biiroo Maallaqaafi Walta'iinsa Diinagdee, A/T/Galiiwwanii, Komiishinii Karooraafi Misooma Dinagdee, Mana Hojii Odiitara Muummichaafi Ejensii Bittaafi Dhabamsiisa Qabeenya Oromiyaa dhaggeeffatee kallattii kaa'eera. Bu'uuruma kanaan, karoora hirmaachisaa...

Gutuu isaa Dubbisuuf

CAFFEE - (Onk. 27, 2…

CAFFEE - (Onk. 27, 2012) Koreen Dhaabbii Dhimma Bu'uuraalee Misoomaa Caffee Oromiyaa raawwii hojii kurmaana 1ffaa seektaroota isaaf itti waamaman qoratee kallattii kaa'ee jira.

______//______ Manneen hojii Koree kanaan hordofaman, Biiroo Misooma Qabeenya Bishaaniifi Inarjii Oromiyaa, A/T/ Daandiiwwan Oromiyaa, A/T/Geejjiba Oromiyaa, A/T/ Konistiraakshinii Oromiyaa, A/T/ Dhaabbilee Misoomaa Oromiyaafi A/T/ Misooma Albuudaa Oromiyaa yommuu ta'an manneen...

Gutuu isaa Dubbisuuf

CAFFEE - (Sad. 03 Ba…

CAFFEE - (Sad. 03 Bara 2012): Koreen Dhaabbii Dhimma Bulchiinsaafi Seeraa Caffee Oromiyaa gabaasa raawwii hojii kurmaana 1ffaa qaamolee haqaa qoratee jira.

_____//_____Koreen kun, gabaasa raawwii hojii Waajjira Pireezidaantii MNO, Mana Murtii Waliigala Oromiyaa, Mana Hojii Abbaa Alangaa Waliigalaa, Biiroo Bulchiinsaafi Nageenyaa, Komiishinii Naamusaafi Farra Malaammaltummaa, Komiishinii Poolisii, Komiishinii Bulchiinsa Manneen Sirreessaa...

Gutuu isaa Dubbisuuf

CAFFEE - (Sad. 03 Ba…

CAFFEE - (Sad. 03 Bara 2012): Koreen Dhaabbii Dhimma Misooma Qabeenya Namaa Caffee Oromiyaa manneen hojii korichaaf itti waamaman sadii gamaaggamee jira. _____//_____

Koreen kun, gamaaggama raawwii hojii kurmaana 1ffaa taasiseen, Gabaasa Biiroo Paablik Sarvisiifi Misooma Qabeenya Namaa, A/T/ Saayinsii, Teeknoloojiifi Qunnamtii Odeeffannoofi Yuunivarsitii Naannoo Oromiyaa dhaggeeffatee jira. Gamaaggama taasise keessattis, seektaroonni Paablik Sarvisiifi...

Gutuu isaa Dubbisuuf

CAFFEE HEAD OFFICE ADDRESS

     strFINFINNE AROUND SAR BET  INFRONT OF OROMIA BUREAUS

       Office Opening hour

    str  Monday - Friday:            Morning:  08:30am - 12:30 pm       Afternoon:  01:30 pm -  05:30 pm

        CALL US:  Tel:  +251-113-72-62-18timer

               Fax: +251-113- 71-48-04  

                             P.O. Box:21383 - 1000