Mata Duree

Jijjiirama biyyiifi naannoon keenya keessa jirtu utubuun galmaan gahuu keessatti gaheen Koreewwan Dhaabbii Caffee Oromiyaa murteessaadha jedhan Afyaa'iin Caffee Oromiyaa Kabajamoo Addee Loomii Badhoo.

CAFFEE - (Hagayya 02 Bara 2011) : 

Kanaaf jedhan Addee Loomiin, gamaaggama manneen hojii waliin kurmaana kurmaanaan taasifnuufi raawwii hojiiwwan misoomaa, komiiwwan kenninsa tajaajilaafi gama bulchiinsa gaariin hawaasa biraa ka’an irratti hojjechuun fayyadamummaa uummata keenyaa mirkaneessuuf xiyyeeffannoo olaanaa kenninee irratti hojjechuu qabna.

Hojii kana gahumsa barbaachisuun hojjechuuf Caffeen, miseensota Koreewwan Dhaabbiisaafi ogeessota ogummaan isaan deeggaran gahoomsuun cimanii akka hojjetaniif yeroo kamuu caalaa xiyyeeffannoo olaanaan kan hojjetu ta'uu ibsan. Leenjiin dhimma hordoffiifi to’annoo irratti guyyoota lamaaf kennamu kunis qaama karoora kanaa ta’uu barbaachisummaa leenjichaa ilaalchisee haasaa taasisan keessatti ibsanii jiru Addee Loomiin.

Miseensota Koreewwan Dhaabbii 48 ta'aniifi ogeessota isaan deeggaraniif Magaalaa Adaamaatti leenjiin adeemsa hordoffiifi to'annoo itti gaggeessaniifi gahee isaanii ilaalchisee Yuunivarsitii Naannoo Oramiyaarraa Dr. Baqqalaa Lammiin kennamaa Jira.

Image may contain: 1 personImage may contain: 5 people, people sitting, table and indoor
Image may contain: 4 people, crowd, wedding and indoor
  • 1
  • 2
  • 3
  • 4
  • 5
  • 6
Prev Next

CAFFEE - (Onkolooles…

CAFFEE - (Onkoloolessa 25 Bara 2012) : Koreen Dhaabbii Dhimma Hawaasummaa Caffee Oromiyaa gabaasa raawwii hojii kurmaana 1ffaa manneen hojii isaaf itti waamaman 8 dhaggeeffatee kallattii itti aanu kaa’ee jira.

____//____Koreen kun, gamaaggama taasiseen gama barnootaatiin, hojiin baruufi barsiisuu Afaan Oromootiin Naannolee biroofi Finfinnee keessatti gaggeeffamaa jiru cimee itti fufuu kan qabu ta’uu ibsuun hordoffiifi to’annoon dhaabbilee barnoota dhuunfaa irratti...

Gutuu isaa Dubbisuuf

CAFFEE - (Onkolooles…

CAFFEE - (Onkoloolessa 26 Bara 2012): Koreen Dhaabbii Dhimma Dubartootaa, Daa'immaniifi Dargaggootaa Caffee Oromiyaa raawwii hojii Kurmaana 1ffaa Biiroo Dhimma Dubartootaafi Daa'immanii, akkasumas, Komiishinii Ispoortii Oromiyaa qoratee jira.

______//________Qophii karoora bara 2012 irratti hundaa'uun raawwii hojii Kurmaana 1ffaa kan xiinxale koreen kun, dubartoonniifi dargaggoonni hojii kenna tajaajila lammummaa keessatti hirmaannaan taasisaa turan, aadaan qusannoo dubartootaa, bakka oolmaa Ispoortii...

Gutuu isaa Dubbisuuf

CAFFEE - (Onkolooles…

CAFFEE - (Onkoloolessa 26 Bara 2012): Koreen Dhaabbii Dhimma Baajataafi To’annoo Baasii Mootummaa Caffee Oromiyaa Raawwii Hojii Kurmaana 1ffaa bara 2012 Manneen Hojii shanii gamaaggamee jira. _

______ //______ Koreen kun, gabaasa raawwii hojii Biiroo Maallaqaafi Walta'iinsa Diinagdee, A/T/Galiiwwanii, Komiishinii Karooraafi Misooma Dinagdee, Mana Hojii Odiitara Muummichaafi Ejensii Bittaafi Dhabamsiisa Qabeenya Oromiyaa dhaggeeffatee kallattii kaa'eera. Bu'uuruma kanaan, karoora hirmaachisaa...

Gutuu isaa Dubbisuuf

CAFFEE - (Onk. 27, 2…

CAFFEE - (Onk. 27, 2012) Koreen Dhaabbii Dhimma Bu'uuraalee Misoomaa Caffee Oromiyaa raawwii hojii kurmaana 1ffaa seektaroota isaaf itti waamaman qoratee kallattii kaa'ee jira.

______//______ Manneen hojii Koree kanaan hordofaman, Biiroo Misooma Qabeenya Bishaaniifi Inarjii Oromiyaa, A/T/ Daandiiwwan Oromiyaa, A/T/Geejjiba Oromiyaa, A/T/ Konistiraakshinii Oromiyaa, A/T/ Dhaabbilee Misoomaa Oromiyaafi A/T/ Misooma Albuudaa Oromiyaa yommuu ta'an manneen...

Gutuu isaa Dubbisuuf

CAFFEE - (Sad. 03 Ba…

CAFFEE - (Sad. 03 Bara 2012): Koreen Dhaabbii Dhimma Bulchiinsaafi Seeraa Caffee Oromiyaa gabaasa raawwii hojii kurmaana 1ffaa qaamolee haqaa qoratee jira.

_____//_____Koreen kun, gabaasa raawwii hojii Waajjira Pireezidaantii MNO, Mana Murtii Waliigala Oromiyaa, Mana Hojii Abbaa Alangaa Waliigalaa, Biiroo Bulchiinsaafi Nageenyaa, Komiishinii Naamusaafi Farra Malaammaltummaa, Komiishinii Poolisii, Komiishinii Bulchiinsa Manneen Sirreessaa...

Gutuu isaa Dubbisuuf

CAFFEE - (Sad. 03 Ba…

CAFFEE - (Sad. 03 Bara 2012): Koreen Dhaabbii Dhimma Misooma Qabeenya Namaa Caffee Oromiyaa manneen hojii korichaaf itti waamaman sadii gamaaggamee jira. _____//_____

Koreen kun, gamaaggama raawwii hojii kurmaana 1ffaa taasiseen, Gabaasa Biiroo Paablik Sarvisiifi Misooma Qabeenya Namaa, A/T/ Saayinsii, Teeknoloojiifi Qunnamtii Odeeffannoofi Yuunivarsitii Naannoo Oromiyaa dhaggeeffatee jira. Gamaaggama taasise keessattis, seektaroonni Paablik Sarvisiifi...

Gutuu isaa Dubbisuuf

CAFFEE HEAD OFFICE ADDRESS

     strFINFINNE AROUND SAR BET  INFRONT OF OROMIA BUREAUS

       Office Opening hour

    str  Monday - Friday:            Morning:  08:30am - 12:30 pm       Afternoon:  01:30 pm -  05:30 pm

        CALL US:  Tel:  +251-113-72-62-18timer

               Fax: +251-113- 71-48-04  

                             P.O. Box:21383 - 1000