Waltajjiin Leenjiifi Gamaaggama Raawwii Hojii Kurmaana 3ffaa Bara 2011 Afyaa'ota, Itti Aantotaafi I/Gaafatamtoota Waajjiraa Manneen Maree Aanaaleefi Magaalota Oromiyaa marsaa 1ffaaf Godinaalee 12 hirmaachise jalqabee jira.
CAFFEE - (Bitootessa 19/2011):
_______//________
Waltajjicharratti argamuun haasawaa kan taasisan Afyaa'ii I/ A Caffee Oromiyaa Kab. Addee Maahbubaa Adam akka ibsanitti, Caffeen Oromiyaa dandeettii raawwachiisummaa Manneen Maree Aanaaleefi Magaalotaa cimsuuf bara kana karoora qabatee hojii bal'aa hojjechaa kan ture ta'uusaa yaadachiisuun, waltajjiin kun qaama karoorichaa keessaa isa tokko ta'uus ibsaniiru.
Haaluma kanaan, waltajjii Leenjiifi Gamaaggamaa kanarratti Kaadhimamaa PhD kan ta'an Obbo Baqqalaa Lammii Yuunivarsiitii Naannoo Oromiyaa irraa mata duree 'Aangoofi Gahee Hojii Manneen Maree Aanaaleefi Magaalotaa Ijaarsa Sirna Demokiraasii Keessatti' jedhu irratti leenjii kennaa jiru. Waltajjiin kun hirmaattota Aanaaleefi Magaalota Oromiyaa Godinaalee 12 keessaa walitti dhufan 600 ta'aniif Bitootessa 19 irraa eegalee guyyoota sadan dhufaniif Magaalaa Adaamaatti kan gaggeeffamu ta'a.