CAFFEE – Sadaasa 05/ 2011: Caffeen ergamoota gurguddoo Heeraafi uummataan itti kenname bahachuuf cimee hojjachuu akka qabu ibsame.
*****
Afyaa'iin Caffee Oromiyaa Kab. Addee Loomii Badhoo hojjettoota Waajjira Caffeetiif ergaa dabarsaniin Caffeen utubaa Mootummaa Naannichaa ta'uu ibsuun, hojiiwwan gama kanaan hojjetamuu qabanis fedhiifi faayidaa uummata keenyaa karaa guutuu danda'uun hojjechuutu nurra eegama jedhan.
Seeronni Caffeen bahan karaa uummata hirmaachiseen qulqullinaisaanii eeggatanii akka bahaniif, seerota bahan kanneen immoo wayita hojiirra oolan fedhiifi faayidaa uummata keenyaa kan eegsisan ta'uu hordofuun, hojii bakka bu'ummaa isaa ciminaan bahachuu akka qabu Kab. Addee Loomiin ibsan.
Kanaaf, Koreewwan Dhaabbiirraa eegalee hanga hojjetaa Siivil Sarvaantiitti Karoora isaafi cheekliistii ittiin hoogganamu baaafachuun yeroo yeroon gamaaggamaa kallattiin hojii kan taa'u ta'a jedhan Kab. Addee Loomiin. Waltajjiin hoggantootaafi hojjettoota waajjirichaa waliin gaggeeffamaa jiru kun raawwii Kurmaana 1ffaa gamaaggamuun dhumarrattis kallattii hojii Afyaa'iin Caffee Kab. Addee Loomii ni kaa'u jedhamee eegama.