Mata Duree

Labsii Hojjettoota Mootummaa Naannoo Oromiyaa Lak. 61/1994 (Akka Fooyya’etti) Irra Deebiidhaan Fooyyessuuf Bahe

CAFFEE- 28/1/2011: 
__________ // _________ 
Sirna fo’annoofi filannoo manneen hojii mootummaa keessatti gaggeeffamu bu’uuraan jijjiiruun akka naannootti hojimaata mirkaneeffannaa ga’umsa ogummaafi hojii diriirsuun akkasumas pabliik sarvaantii ilaalcha tajaajiltummaafi aantummaa ummataa gonfateefi guddina misoomaa naannichi galmeessisaa jiru itti fufsiisuu danda’uijaaruudhaaf hojimaata hojjettoota mootummaa bifa walfakkaatuun beekumsaafi dandeettii isaanii irratti hundaa’uun hoogganuu dandeessisu diriirsuun barbaachisaadha jedhan.

Gama biraan, Labsiiwwan hojiirra turan keessatti qaawwa seeraa mul’atu cufuun kiraa-sassaabdummaafi rakkoowwan bulchiinsa gaarii pabliik sarvaantii keessatti mul’atu wixineen haaraa qophaaye kun dhabamsiisuu kan dandeessisu ta’uu Kabajamoo Obbo Tasfaayee Gashoo walitti qabaa Koree Dhaabbii Dhimma Qabeenya Misooma Namaa Caffee Oromiyaa ibsaniiru. Labsiin Hojjettoota Mootummaa Naannoo Oromiyaa Lak. 61/1994, Lak. 79/1996, Lak. 104/1997 fi Lak. 123/1999 Labsii kanaan haqamaniiru.

Ragaa barnootaa sobaan walqabatee hojiin hojjetamaa ture gaarii ta'uufi hanga ammaatti hojjettoota kuma 15 ta'antu saaxilamee jira kan jedhan Hoog. Biiroo Paablik Sarvisiifi Misooma Qabeenya Namaa kan ta'an Dr. Biqilaa Hurrisaa dhimmi ragaa sobaa itti fufiinsaan kan raawwatamu ta'uu ibsan. Kana keessatti gaheen Miseensota Caffee olaanaa ta'uu ibsan. Misooma Qabeenya Namaa keenyaas karaa tarsimaa'aa ta’een gahoomsaafi cimsaa deemuun barbaachisaa ta'uu Dr. Biqilaan ibsaniiru.

Dhumarrattis Labsii hojjettoota Mootummaa Naannoo Oromiyaa Lak.61/1994 akka foyya’etti irra deebiidhaan foyyeessuuf bahe marii bal’aan erga irratti taasifameen booda Caaffeen wixinicha raggaasee jira. Kab. Obbo Isheetuu Dassees Labsii Lak. 215/2011 ta’ee kan hojiirra oolu ta’uu beeksisan.

Image may contain: 3 people, people sitting, table and indoor
  • 1
  • 2
  • 3
  • 4
  • 5
  • 6
Prev Next

በምስራቅ ኦሮሚያ ከሚገኙ አጎራባ…

ጨፌ - ህዳር 17 ቀን 2011፡- እንኳን ደህና መጣቹሁ ንግግር በማድረግ ኮንፈረንሱን የከፈቱት ክብርት ወ/ሮ ሎሚ በዶ የጫፌ ኦሮሚያ አፈ-ጉባዔ ናቸው፡፡ የንግግራቸው ፍሬ ሀሣብም የሚከተለው ነው፡፡ ባሳለፍናቸው ሁለትና ሦሥት ዓመታት ውስጥ...

Gutuu isaa Dubbisuuf

Konfiransii Nageenya…

Konfiransii Nageenyaafi Araaraa Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin Naannolee ollaa Baha Oromiyaatti argaman

CAFFEE - 17 /2011:- Konfiransii Nageenyaafi Araaraa Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin Naannolee ollaa Baha Oromiyaatti argaman waliin Magaalaa Adaamaa Galma Abbaa Gadaatti qophaaye kanarratti Afyaa'iin Mana Maree Federeeshinii Kab. Addee...

Gutuu isaa Dubbisuuf

Qormaanni gamaa gama…

CAFFEE - Sadaasa 06/2011:  Gaheen hojii Caffee waan Heeraafi Seeraan kennameef qofarratti daangeffamee kan hafu osoo hin taane sanaan olitti dhimma ilaalamuu qabudha. Kanaaf, hojiiwwan guyyaa guyyaan hojjennu keessatti jijjiirama saba...

Gutuu isaa Dubbisuuf

CAFFEE – Sadaasa 05/…

*****Afyaa'iin Caffee Oromiyaa Kab. Addee Loomii Badhoo hojjettoota Waajjira Caffeetiif ergaa dabarsaniin Caffeen utubaa Mootummaa Naannichaa ta'uu ibsuun, hojiiwwan gama kanaan hojjetamuu qabanis fedhiifi faayidaa uummata keenyaa karaa guutuu danda'uun...

Gutuu isaa Dubbisuuf

Caffee - Onkolooless…

*****Fooramiin Manneen Maree Naannolee ollaa Oromiyaa, Amaaraafi Affaar hirmaachise qopheessummaa Waajjira Caffee Oromiyaatiin Adaamaatti gaggeeffamaa jira. Kana ilaalchisuun Fooramiin kun walitti dhufeenya hawaasa Naannolee daangaa waliiniirra jiraatan nageenyaafi jiruufi jireenya...

Gutuu isaa Dubbisuuf

Caffeen Oromiyaa Yaa…

CAFFEE-28/01/2011: 1. Aadde Xayyibaa Hasan Kaayyoo….. Itti Aantuu Pirezidaantii MNO fi Qindeessituu Sektara Hawaasummaa2. Dr.Girmaa Amantee Noonnoo….Sadarkaa I/A Pirezidaantiitti Qindeessaa Sektara Qonnaa3. Obbo Ahimad Tusaa….Sadarkaa I/Aanaa Pirezidaantiitti Qindeessaa Sektara Diinagdee4. Obbo...

Gutuu isaa Dubbisuuf

CAFFEE HEAD OFFICE ADDRESS

     strFINFINNE AROUND SAR BET  INFRONT OF OROMIA BUREAUS

       Office Opening hour

    str  Monday - Friday:            Morning:  08:30am - 12:30 pm       Afternoon:  01:30 pm -  05:30 pm

        CALL US:  Tel:  +251-113-72-62-18timer

               Fax: +251-113- 71-48-04  

                             P.O. Box:21383 - 1000