GABAASA RAAWWII HOJII BARA 2010fi KAROORA BARA 2011 MHOM Oromiyaa raggaase.
_______ //_______
Hoogganaan MHOM Oromiyaa Kab. Obbo Elemaa Qaamphee Gabaasa isaanii Caffeef dhiyeessan keessatti manneen hojii 504 irratti gosoota odiitii adda addaa gaggeessuuf karoorfame keessaa 462 (92%) raawwatamuusaa ibsan.
Obbo Elemaan argannoolee odiitii gurguddoo ilaalchisee Caffeef dhiyeessaniin horataalee mootummaa haala diinagdawaa, si’aawaafi bu’a qabeessa ta’een hojiirra ooluusaa mirkaneessuuf odiitii seera qabeessummaa, odiitii raawwiifi naannoo gaggeeffameen hanqinaaleen adda addaa mul’atanii yaanni furmaataa kan irratti kenname ta’uu gabaasa dhiyeessan keessatti ibsanii jiru.
Kallattii Karoora Bara 2011 mana hojichaa Obbo Elemaan Caffeef dhiyeessan keessaa manneen hojii sadarkaa Naannoorraa egalee hanga Aanaatti jiran, kessattuu manneen hojii ergama isaanii irraa ka’uudhaan qabeenyi mootummaa olaanaan ramadamuufi iddoo sodaa qaban irratti xiyyyeeffachuun tajaajila odiitii gosa adda addaa 550 kennuuf karorfachuu isaanii ibsaniiru.
Caffeenis gabaasicharratti marii bal'aa erga taasiseen booda mirkaneessee jira.