Mata Duree

Waajjirri Caffee Oromiyaa gitoota banaa armaan gadii irratti #Jijjiirraan dorgomsiisee qacaruu waan barbaaduuf iyyaattoonni ulaagaa armaan gadii guuttan Sadaasa 05 - 15 Bara 2012tti #Saarbeetii (Calcalii) Daariktooreetii Bulchiinsa Humna Namaa Lak. 25tti

Waajjirri Caffee Oromiyaa gitoota banaa armaan gadii irratti #Jijjiirraan dorgomsiisee qacaruu waan barbaaduuf iyyaattoonni ulaagaa armaan gadii guuttan Sadaasa 05 - 15 Bara 2012tti #Saarbeetii (Calcalii) Daariktooreetii Bulchiinsa Humna Namaa Lak. 25tti akka galmooftan beeksisa.
Waajjira Caffee Oromiyaa
Finfinnee

Image may contain: text
No photo description available.
No photo description available.
 

beeksisa1

CAFFEE - (Fulbaana 06 Bara 2012) : Waltajjiin Marii #Boqonnaa_Qophii_Karoora Bara 2012 Afyaa'ota Manneen Maree Aanaaleefi Magaalota Oromiyaa waliin Magaalaa Adaamaatti Fulbaana 12 - 14 Bara 2012 ni gaggeeffama.

Image may contain: text

Affeerraa Yaada Ummataa

 

Qaamoleen Mootummaa seera burqisiisuu akka danda’an mirgi seeraan kennameefi jira. Caffeen ammoo hojimaata wixinee seeraa qoratee Yaa’ii Caffeedhaan itti mirkaneessu ni qaba. Waggoota darban keessa seerota Qaamolee Mootummaafi Manneen Hojii Mootummaatiin wixineeffamanii Caffeef dhiyaatan 218 karaa hojimaatasaa hordofeen Yaa’ii Caffeetiin raggaasifamanii jiru.

Haa ta’u malee, Caffeen hojimaata wixineewwan seeraa qoratee ittiin raggaasisu kan qabu ta’us, sadarkaalee seerota hanga wixineessutti jiran ilaalchisee hojimaati seeraan taa’e waan hin jirreef hin jiru.  

Wixinee Labsii Sirna Qophii Wixinee Seeraa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Murteessuuf Bahe kana qopheessee jira. Kanaaf, Caffeen Oromiyaa ummati Naannoo keenyaa, keessattuu, qorattootiifi ogeessoti seeraa wixinee labsii kanarratti yaada qaban akka kennan affeeree jira. Yaada nuu kennitaniif dursinee galateeffanna.

yaada keessaan kara         E-mail:   This email address is being protected from spambots. You need JavaScript enabled to view it. ykn  Toora Facebook'n :CaffeeOromia

WixineeLabsiiSirna Qophii Wixinee Seeraa Mootummaa Naannoo
OromiyaaMurteessuuf Bahe, Labsii Lak._____/2011

BEEKSISA: Guraandhala 09/2011 Miseensota Caffee Oromiyaa Hundaaf

 

Yaa’iin Idilee 9ffaa Waggaa 4ffaa Bara Hojii Caffee 5ffaa Guraandhala 17/2011 irraa eegalee Magaalaa Adaamaa Galma Caffeetti Ni adeemsifama. Kanaafuu, miseensonni Caffee Oromiyaa hundi waraqaa eenyummeessaa Miseensa Caffee ta’uu keessan ibsu qabattanii Guraandhala 16/2011 waaree booda sa’aatii 8:30 irraa eegalee Magaalaa Adaamaa Galma Caffeetti argamuun akka gabaastan isin beeksifna.

Miseensota Caffee Oromiyaa Hundaaf Caffee:Waxabajjii 21/2010



____ // _____
Caffeen Oromiyaa Yaa'ii Idilee 8ffaa Waggaa 3ffaa Bara Hojii 5ffaa Waxabajjii 30/2010 irraa eegalee ni gaggeessa jedhamee eegama. Miseensonni Caffee Oromiyaas Waxabajjii 29/2010 Magaalaa Adaamaa Galma Caffeetti waaree booda sa'aa 8:30 irraa eegalee argamuun akka beeksiftan ibsaa, beeksisa karaa #OBN Oduu galgalaa sa'aa tokkootti aansee Waxabajjii 22/2010 irraa eegalee darbuu akka hordoftan ibsina.
wg

  • 1
  • 2
  • 3
  • 4
  • 5
  • 6
Prev Next

CAFFEE - (Onkolooles…

CAFFEE - (Onkoloolessa 25 Bara 2012) : Koreen Dhaabbii Dhimma Hawaasummaa Caffee Oromiyaa gabaasa raawwii hojii kurmaana 1ffaa manneen hojii isaaf itti waamaman 8 dhaggeeffatee kallattii itti aanu kaa’ee jira.

____//____Koreen kun, gamaaggama taasiseen gama barnootaatiin, hojiin baruufi barsiisuu Afaan Oromootiin Naannolee biroofi Finfinnee keessatti gaggeeffamaa jiru cimee itti fufuu kan qabu ta’uu ibsuun hordoffiifi to’annoon dhaabbilee barnoota dhuunfaa irratti...

Gutuu isaa Dubbisuuf

CAFFEE - (Onkolooles…

CAFFEE - (Onkoloolessa 26 Bara 2012): Koreen Dhaabbii Dhimma Dubartootaa, Daa'immaniifi Dargaggootaa Caffee Oromiyaa raawwii hojii Kurmaana 1ffaa Biiroo Dhimma Dubartootaafi Daa'immanii, akkasumas, Komiishinii Ispoortii Oromiyaa qoratee jira.

______//________Qophii karoora bara 2012 irratti hundaa'uun raawwii hojii Kurmaana 1ffaa kan xiinxale koreen kun, dubartoonniifi dargaggoonni hojii kenna tajaajila lammummaa keessatti hirmaannaan taasisaa turan, aadaan qusannoo dubartootaa, bakka oolmaa Ispoortii...

Gutuu isaa Dubbisuuf

CAFFEE - (Onkolooles…

CAFFEE - (Onkoloolessa 26 Bara 2012): Koreen Dhaabbii Dhimma Baajataafi To’annoo Baasii Mootummaa Caffee Oromiyaa Raawwii Hojii Kurmaana 1ffaa bara 2012 Manneen Hojii shanii gamaaggamee jira. _

______ //______ Koreen kun, gabaasa raawwii hojii Biiroo Maallaqaafi Walta'iinsa Diinagdee, A/T/Galiiwwanii, Komiishinii Karooraafi Misooma Dinagdee, Mana Hojii Odiitara Muummichaafi Ejensii Bittaafi Dhabamsiisa Qabeenya Oromiyaa dhaggeeffatee kallattii kaa'eera. Bu'uuruma kanaan, karoora hirmaachisaa...

Gutuu isaa Dubbisuuf

CAFFEE - (Onk. 27, 2…

CAFFEE - (Onk. 27, 2012) Koreen Dhaabbii Dhimma Bu'uuraalee Misoomaa Caffee Oromiyaa raawwii hojii kurmaana 1ffaa seektaroota isaaf itti waamaman qoratee kallattii kaa'ee jira.

______//______ Manneen hojii Koree kanaan hordofaman, Biiroo Misooma Qabeenya Bishaaniifi Inarjii Oromiyaa, A/T/ Daandiiwwan Oromiyaa, A/T/Geejjiba Oromiyaa, A/T/ Konistiraakshinii Oromiyaa, A/T/ Dhaabbilee Misoomaa Oromiyaafi A/T/ Misooma Albuudaa Oromiyaa yommuu ta'an manneen...

Gutuu isaa Dubbisuuf

CAFFEE - (Sad. 03 Ba…

CAFFEE - (Sad. 03 Bara 2012): Koreen Dhaabbii Dhimma Bulchiinsaafi Seeraa Caffee Oromiyaa gabaasa raawwii hojii kurmaana 1ffaa qaamolee haqaa qoratee jira.

_____//_____Koreen kun, gabaasa raawwii hojii Waajjira Pireezidaantii MNO, Mana Murtii Waliigala Oromiyaa, Mana Hojii Abbaa Alangaa Waliigalaa, Biiroo Bulchiinsaafi Nageenyaa, Komiishinii Naamusaafi Farra Malaammaltummaa, Komiishinii Poolisii, Komiishinii Bulchiinsa Manneen Sirreessaa...

Gutuu isaa Dubbisuuf

CAFFEE - (Sad. 03 Ba…

CAFFEE - (Sad. 03 Bara 2012): Koreen Dhaabbii Dhimma Misooma Qabeenya Namaa Caffee Oromiyaa manneen hojii korichaaf itti waamaman sadii gamaaggamee jira. _____//_____

Koreen kun, gamaaggama raawwii hojii kurmaana 1ffaa taasiseen, Gabaasa Biiroo Paablik Sarvisiifi Misooma Qabeenya Namaa, A/T/ Saayinsii, Teeknoloojiifi Qunnamtii Odeeffannoofi Yuunivarsitii Naannoo Oromiyaa dhaggeeffatee jira. Gamaaggama taasise keessattis, seektaroonni Paablik Sarvisiifi...

Gutuu isaa Dubbisuuf

CAFFEE HEAD OFFICE ADDRESS

     strFINFINNE AROUND SAR BET  INFRONT OF OROMIA BUREAUS

       Office Opening hour

    str  Monday - Friday:            Morning:  08:30am - 12:30 pm       Afternoon:  01:30 pm -  05:30 pm

        CALL US:  Tel:  +251-113-72-62-18timer

               Fax: +251-113- 71-48-04  

                             P.O. Box:21383 - 1000